Dhaloota saayinsiifi teknooloojiin dorgomaa ta’e uumuuf bu’uurri cimaan kaa’amaa jira jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan
Mootummaan Naannoo Oromiyaa galmoota gurguddoo qabatee milkeessuuf hojjachaa jiru keessaa tokko dhaloota saayinsiifi teknoloojiin dorgomaa ta’e umuudha.
Galma kana milkeessuuf, cabiinsa sirna barnootaa irra ture sirnaan sirreessuuf Mootummaan Jijjiiramaa hojii baldhaa hojjachaa jira.
Haaluma kanaan, rakkoo gama carraa barnootaa dhabuun ture bu’uurarraa furuuf, manneen barnootaa babaldhisuuf hojii baldhaan hojjatameera.
Kanaanis, baay’ina manneen barnootaa jijjiirama dura Naannoo Oromiyaa keessa kuma 17 qofa turan, yeroo ammaa gara kuma 35’tti guddisuu danda’ameera.

Dabalataanis, Manneen Barnoota Ifa Boruu Bultii Addaa 7, Manneen Barnoota Bu’uura Boruu, Sadarkaa Tokkoffaafi Lammaffaa hedduu kan ijaaraman yoota’u, barattoota manneen barnoota Bultii Addaa irraa bahan simachuuf ‘Shaggar Institute of Technology-SIT’n hundaa’ee jira.
Kunis rakkoo qulqullina barnootaa gangalatee asgahe furuun, dhaloota waan hundaan dorgomaa ta’e uumuu keessatti shoora olaanaa kan qabudha.
Gama biraatiin, sirna barnootaa duudhaafi eenyummaa ummata Oromoo irraa fagaatee ture kaarikulamii haaraa baasuun, dhaloonni ammaa sadarkaa barnootaa gadii irraa kaasee barnoota Safuufi Gadaa akka baratu taasifamaa jira.
Kanaanis, dhaloota aadaa, duudhaafi safuu, akkasumas beekumsa eenyummaa isaa irraa maddee barachuun ofta’ee jiraatu horatamaa jira.
Tarkaanfiin imaammata barnootaa beekumsa xabboon dabaluu kun, bartee ammayyoomuu sirna ofii akka dagachuutti ilaalamaa ture jijjiiruun, ammayyoomuufi qaroomuun ofiitti deebi’uu, ofta’uu akka ta’e sirna barnootaa haaraa diriireen mirkana’aa jira.

Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, baay’ina barsiisotaa jijjiirama dura kuma 193 qofa ture, gara kuma 364 guddisuun waliingahiinsa barsiisaa dabaluuf hojiin hojjate abdachiisaadha.
Kana malees, barsiisoonniifi hoggantoonni manneen barnootaa akka ogummaa barsiisummaafi hoggansa mana barnootaa dagaagfatan wiirtuulee leenjii hedduu dabalachuun akka leenji’an ta’aa jira.
Jijjiiramni hojiilee seektara barnootaa irratti hojjatameen dhufu, yeroo kan fudhatu yoota’u, bara baraan foyya’iinsa qabxii barattootaan muldhachaa jira.
Milkaa’iina hojii kanaaf gaheen barattootaa akkuma jirutti ta’ee, maatiin barattootaa Buusaa Gonofaa waliin nyaata barattootaa dhiheessuun, barsiisoonnifi hoggantoonni manneen barnootaa sa’aatii isaaniif kenname duguuganii fayyadamuun, akkasumas hoggansii sadarkaan jiru deeggarsafi hordoffii isarraa barbaachisuu hunda taasisuun, bu’aa amma halaalaan muldhatu kana ifatti bahee akka muldhatuufi galma dhaloota barnootaafi tekinoloojiin addunyaatti dorgomaa ta’e horachuu, akka milkaa’uuf shoora olaanaa qaban bahachuu qabu.