Dhibee Maarbargiin wal qabatee lubbuun namoota 6 darbuu Ministeerri Fayyaa beeksise

You are currently viewing Dhibee Maarbargiin wal qabatee lubbuun namoota 6 darbuu Ministeerri Fayyaa beeksise
  • Post category:Fayyaa
  • Post comments:0 Comments

AMN PLUS-Sadaasa 8/2018

Namoota mallattoo dhibee Maarbargiin shakkaman 17 keessaa 3 irratti dhibeen kun mul’achuu mirkanaa’eera. Namootni 3 dhibee kanaan qabamanii du’uu isaanii Ministeerri Fayyaa FDRI beeksiseera.

Lubbuun namoota biroo 3 ammoo mallattoo Maarbargiin wal fakkaatuun darbuutu ibsame.

Dhibee kana kallattumaan yaaluuf qorichi jiraachuu baatus mallattoo isaafi miidhama biraa hir’isuuf wal’aansi yaalii fayyaa kennamaa jiraachuu Ministirri Fayyaa FDRI Dooktar Maqdas Dhaabaa ibsaniiru.

Laaboraatoriin socho’aa Maarbargiin qorachuuf dandeessisu gara bakka dhibeen kun mudate Naannoo Kibba Itoophiyaa, Jiinkaatti ergamaa jiraachuus Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Tattamsa’ina dhibee kanaa to’achuuf hawaasni qajeeltoo Ministeerri Fayyaa dhukkuba kana ilaalchisuun baase hordofuun barbaachisaa akka ta’e dhaamameera.

Dhibeen kun Bara 1967 kan Jarmaniitti mudate yoo tahu, Afriikaa dabalatee biyyoota 12 keessatti mul’achuu Ministeerichi ibseera.

Maargabrgiin ofirraa ittisuun malee hanga ammaatti akka idil addunyaatti qorichi beekamaan fayyisu akka hin argamnes himaniiru.

Zallaqaa Oljirraatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply