‎Diinagdeen Itoophiyaa bara 2036tti Afrikaarraa 1ffaa ta’a- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing ‎Diinagdeen Itoophiyaa bara 2036tti Afrikaarraa 1ffaa ta’a- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

‎AMN PLUS- Onkoloolessa 18/2018

‎Diinagdeen Itoophiyaa bara 2032 Afriikaarraa 2ffaa, Bara 2036 Afriikaarraa 1ffaa Takka ta’u Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsan.

Dooktar Abiyyi Walga’ii Idilee 2ffaa Bara Hojii 5ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa irratti gaaffileefi yaada miseensota Mana mareerraa ka’aniif deebii kennaa jiru.

‎Itoophiyaaf barri dhufeera kan jedhan Ministirri Muummee, “Yeroon kun kan Itoophiyaati. Itoophiyaaf samiinis banameera” jechuun itti dabalan.

‎Itoophiyaan bu’aawwan diinagdee qabatamaa ta’an hedduu galmeessaa jiraachuu ibsuun, Afrikaa irraa diinagdeen ishee adda duree akka taatu ibsan.

Milkaa’ina Itoophiyaan argamsiisaa jirtu kanaaf heddummootni dhugaa ba’aa jiraachuu kaasanii, “ijni hubatee, gurri dhaggeeffatee, funyaanis fuunfatee beeka” jechuun hubachiisaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply