Dijitaal Itoophiyaa ni dhugoomsina- MM Abiyyi Ahimad (Dr.)

You are currently viewing Dijitaal Itoophiyaa ni dhugoomsina- MM Abiyyi Ahimad (Dr.)

‎AMN PLUS- Qaammee 5/2017

‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) ergaa Qaammee 5, Guyyaa Egeree, ilaalchisuun dabarsaniin, Itoophiyaa dijitaalawaa ni dhugoomsina” jedhaniiru.

‎”Kaleessatti fayyadamuufi sirreessuudhaan, har’a jabaannee hojjechuudhaan, isa borii kan baay’ee fooyya’e taasisuuf kaaneerra” jedhan.

‎ “Rakkoowwan bara amaleeffannaan waa raawwachuutti turan bara dijitaalaatti irra hin deebi’amani. Bor “Dijitaal Itoophiyaa” n piroojektii ta’uunsaa hafee aadaa ni ta’a” kan jedhan Doktar Abiyyi, Daldalaafi tajaajila keenya si’oomsuudhaan, namni tokko namuma tokko akka ta’u dandeessisuudhaan, sirna maallaqaa keenya caalaatti dhaqqabamaafi si’ataa akka ta’u gochuun barbaachisaa ta’uu hubachiisan.

‎Kanaanis, tajaajiloota barnootaafi fayyaa kallattii hundaan babal’isuudhaan Dijitaal Itoophiyaan akka milkaa’u tattaaffiifi xiyyeeffannoo lammii hunda akka barbaadu dhaamaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply