AMN PLUS- Guraandhala 7, 2017
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Daayrektara Waliigalaa Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Mootummoota Gamtoomanii Ku Dongiyu waliin mari’ataniiru.
Dooktar Abiyi gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin “Ku Dongiyu irra deebiidhaan arguu koo fi dhimmoota garlameerratti marii milkaa’aa taasisuu keenyatti gammadeera” jedhan.
Marii isaaniin wabii nyaataa mirkaneessuu, dhimmoota waaraa ta’anii fi cimina damichi barbaaduuf, barbaachisummaa walta’insaan hojjechuu kaasuun, tattaaffiiwwan hojii qonnaa Itoophiyaa itti fufiinsa qabanirratti mari’achuu ibsaniiru.