Dooktar Abiyyi Pirezidaantii Braaziil Luulaa Daa Siilvaa waliin mari’atan

You are currently viewing Dooktar Abiyyi Pirezidaantii Braaziil Luulaa Daa Siilvaa waliin mari’atan

AMN PLUS – Sadaasa 14/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Pirezidaantii Biraaziil Luulaa Da Siilvaa waliin mari’ataniiru.

Dooktar Abiyyi ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, dhimmoota diinagdeefi bu’uuraalee misoomaa waaraa irratti xiyyeeffachuun carraalee hariiroo gamlamee ittiin cimsuu dandeenyurratti mari’anneerra jedhan.

Biraaziil biyya yaa’ii qabeenya qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii ‘COP30’ qopheessite waan taateef Itoophiyaan ‘COP32’ wayita qopheessitu muuxannoowwan gaggaariin irraa fudhannu jiru jechuun ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply