Dorgommiin tapha guutuu Oromiyaa marsaa 27ffaan Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Amboottii eegalame

You are currently viewing Dorgommiin tapha guutuu Oromiyaa marsaa 27ffaan Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Amboottii eegalame

AMN PLUS Ebla 27/2017

Saganticha irratti kan argaman Sadarkaa Pirezdaantii Itti aanaatti Qindeessaan kilaastara hawaasummaa, Obbo Saadat Nashaa mootummaan naannoo Oromiyaa dargaggoota biyya irra darbuun addunyaarratti dorgomaa ta’an horachuuf tarsiimoowwan garaagaraa bocuun hojjechaa jiraachuu himan.

Atileetonni durii haala mijataa hin taane keessatti tattaaffii ofii isaaniin biyyatiitti maqaa gaarii horaniiiru kan jedhan Obbo Saadaat, dhaloonni ammas isaan fakkeenya godhachuu qabu jedhani.

Cabiinsa ispoortii naannoo Oromiyaa bakkatti deebisuuf sadarkaa gadii irraa eegaluun hojjetamaa jiraachu himuun, dorgommiin tapha guutuu Oromiyaa bara kanaas karoora qabame keessaa tokko ta’uu eerani.

Ministir Deetaan Ministeera Aadaafi ispoortii Obbo Makkiyyuu Mahaammad gama isaaniin xiyyeeffanmoo mootummaan damee ispoortiif kenneen injifannoowwan hedduun galmaa’uu himan.

Pirojektoonni guddattootaa hedduun ijaaramuu,taphoota adda citan eegalchiisuu, dirreewwan shaakala ispoortiifi giddugaloonni leenjii garaagaraa ijaaramuu himan.

Oromiyaan galaana atileetotaa ta’uu ishee mirkaneessuuf dorgommiiwwan kunneen bifa hawwataa ta’een itti fufuu qabas jedhani.

Pirezidaantiin kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Isaayyaas Jiraa, Atileet Komaander Daraartuu Tulluu Kantiibaa Magaalaa Amboo Obbo Hacaaluu Gammachuu, Hogganaa itti aanaa biiroo dargaggoofi ispoortii Oromiyaa Obbo Dassaaleny Xilahuun dabalatee keessummoonni garaagaraas argamaniiru.

Dorgommin tapha guutuu Oromiyaa marsaa 27ffaa har’a irraa eegaluun hanga Caamsaa 10,2017 kan turu ta’uunis ifoomeera.

Dachaasaa Dhaabiitu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply