AMN- Mudde 6/2017
Magaalaan Maanchistar tapha Maanchuriyaan darbii 195ffaa keessummeessuuf deema.
Peep Gaardiyoollaan tapha kanaan muuxannoo waggoota 8 qabu.
Rubeen Amoorim leenjisaan fuula haaraa Maanchistar Yuunaayitid ammoo taphichaaf keessummaadha.
Tapha cimaa torbee 16ffaa pirimeerliigii ingilaandi kan tahe Maanchuriyaan darbiin kilaboota magaalaa Maanchistar lameen Maanchistar Siitiifi Maanchistar Yuunayitidiin wal morkachiisa.
Haata’uuti bara kana kilabootni lameen hagas mara milkaa’uu dhabuun taphichi tapha ayyaana hinqabne jedhameera.
Ammoo taphni baay’ee murteessaan kun miira darbii cimaa qabaachuun gamatti leenjistoota kilaboota lameenii Peep Gaardiyollaafi Rubeen Amoorim haaloo walitti qabsiiseera.
Sababni isaa Peep barana haalli itti ulfaate Chaampiyoonsi liigii Awurooppaan kan rifachiise Amoorim ture.
Kilaboota magaalaa Maanchistar kanneen keessaa kan injifateef qabxiin argamtu hiika guddaa qabdi.
Kan jaarsummaan gargar deebi’an taanaan garuu dubbiin walirra hinjirruu waliirraa nu qabaa taha.
Seenaa durduubee taphaa wal biraa qabaniin taphoota 194 waliin taphataniiru.
Maanchistar Yuunaayitid 79, Siitiin 61 wal injifachuun, yeroo 54 ammoo dubbii bulfachuun qixa bahaniiru.
Beellamni har’a galgala sa’atii 1:30 tti Istaadiyeemii Etihaaditti qaban ammoo yeroo 195ffaadha.
Siitii moo Yuunaayitidituu gara daandii injifannootti deebi’a laata? Moo dubbii bulfachuun jaarsummaan gargar deebi’u?
Iddoosaa Abdiitiin