Leenjisaa fi uffata ispoortii kan hinqabne lammiin Meekisiikoo Kaandeelariyaa Riivaas Raamoos wandaboo aadaa hawaasa naannoo sanaan fiigicha KM 63 injifatte.
Riivaas fiigicha kana xumuruuf sa’aatii 7 fi daqiiqaa 34 qofa isheetti fudhate.
Dorgommii Eltiraamaarooti bara 2025 irratti hirmaachuuf maatii ishee fi hawaasa naannootu ishee jajjabeesse.
Maarree Riivaas umuriin ganna 30’tti fiigichicha erga moo’attee booda injifannichi kan maatii kootiti jechuun dubbatte.
Bakkeewwan tulluu keessa kan jiraatan warri Raaraamurii leenjii fi hidhannoo ammayyaa fiigichaaf barbaachisu yoo hin qabaanneyyuu rakkoowwan mo’atanii darbuu akka danda’aniif atileetota walin yoo dorgomaniyyuu mo’ataa ta’uu akka danda’an ni ibsama.
Deemsa lafa dheeraa, adamoo fi gochi wal-fakkaatu hawaasaa Raraamurootaa kanneen naannoo tulluu jiraatan biratti kan beekame ta’uu irra darbee amantii waliin kan wal qabatu kan salphaatti hin cabne ciminni haamilee kan irraa argamu ta’uu gabaasi Oodiitii Seentiraal ni agarsiisa.