Dubbi himaan Hamaas haleellaa Israa’eeliin ajjeefame

You are currently viewing Dubbi himaan Hamaas haleellaa Israa’eeliin ajjeefame

‎AMN PLUS – Hagayya 26/2017

‎Dubbi himaan garee hidhattoota Hamaas Abu Obayidaa haleellaa Israa’eeliin ajjeefamuun isaa beekameera.

‎Abu Abayidaan qondaaltota olaanoo Hamaas keessaa keessaa isa tokko yommuu ta’u haleellaa Israa’el kanaan ajjeefamuun isaa mirkanaa’eera.

‎Ministirri Ittisaa Israa’el Israa’el Kaatz, haleellaa xiyyaaraa Al-Rimaalitti gaggeeffameen dubbi himaa kanaan alatti qondaaltonni olaanoo Hamaas eenyummaan isaanii hin beekamne du’uu akka hin oolle fuula X (Twitter duraanii) isaaniirratti ibsaniiru.

‎Haleellaa xiyyaaraa kaleessaa raawwatameen ajjeefamuu kan himame Abu Obayidaa hoggantoota Hamaas muraasa Onkoloolessa 7 dura lubbuun jiran keessaa tokko ture.

‎Dubbi himaan kun sagalee Hamaas ta’uun waraana duraa fi yeroo waraanaa Birgeedii Al-Qasim, kutaa waraanaa Hamas ta’eef ololaafi ergaa adda addaa dabarsaa ture.

‎Dubbi himaan kun ergaa Jimaata darbe dabarsee tureen Israa’el haleellaa magaalaa Gaazaa irratti raawwattu hin dhaabdu taanaan lubbuun lammiilee Israa’el ugguramanii balaadhaaf saaxilama jechuun akeekkachiisee ture.

‎Hamaas du’a dubbi himaa kanaa ilaalchisee haga ammaatti waan jedhe hin qabu.

‎Israa’el waraanni Gaazaa erga jalqabee booda hoggantoota waraanaa fi siyaasaa olaanoo Hamaas irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwachuu ishee BBC’n gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply