AMN PLUS- Amajjii 22/2017
Leenjisaan Baayern Muunik duranii Niko Kovaach Leenjisaa haaraa Borushiyaa Doortimand ta’uun mudamaan.
Leenjisaa Manchister Yunaayitid duraanii Erik Teenhag dabalatee leenjiftoonni hedduun Leenjisaa haara Borishiya Dortimand ni ta’u jedhamus kilabichi leenjisaa Bayer Muunik duraanii lammii Kirooshiyaa Niko Koovach kontrataa hanga bara 2026tti isaa tursiisu waliin walii galteerra ga’uu gabafamera.
Borishiyaa Doortimand Nuri Sahin hojii leenjisummaa irraa erga gaggessee boddee leenjisaa qacaruuf oliif gadii fiiga tureera.
Rabbirraa Hirphaan