Duudhaa Jaalalaafi walgargaarsaa keenyaa kaleessaa cimsuun yeroo rakkinaatti wal bira dhaabbachuu murteessaa tahuu Hoji Raawwachiisaa Olaanaan AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa ibsaniiru.

You are currently viewing Duudhaa Jaalalaafi walgargaarsaa keenyaa kaleessaa cimsuun yeroo rakkinaatti wal bira dhaabbachuu murteessaa tahuu Hoji Raawwachiisaa Olaanaan AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa ibsaniiru.

AMN – Ebla 09/2017

AMN Sagaleen Dhalootaa Oduufi Odeeffannoo waytaawaaa hawaasa biraan gahuun amanamummaan tajaajila kennaa jiruun cinaatti hojiilee tola ooltummaa irrattii hirmaachuun itti gaafatamummaa irraa eegamu bahaa jira.

Bu’uuruma kanaan dhaabbatichi daa’imman haadhaafi abbaa hin qabne guddisaa kan jiru yammuu tahu, Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun harka qalleeyyiif deeggarsa taasiseera.

Sirna deeggarsa kennuu kanarratti ergaa kan dabarsan Obbo Kaasaahun Gonfaa, AMN Sagaleen dhalootaa oduufi odeeffannoo barsiisoofi buhaarsoo hordooftoota biraan gaha jiruun cinaatti hojiilee tola ooltummaa adda addaarratti hirmaachuun itti gaafatamummaa hawaasummaa bahaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanaaniis daa’imman maatiin harka qalleeyyii tahan guddisuufi barsiisuurratti kan argamu tahuu eeranii, daa’imman kanneen haala waaraa taheen deeggaruu kan itti fufu tahuu himaniiru.

Duudhaa walgargaarsaa keenyaa kaleeysaa cimsuun wal cinaa dhaabbachuun aadeffatamuu akka qabuus ergaa dabarsaniiru.

Xumurarrattiis, Obbo Kaasaahun Maatii AMN, Hordoftootaa Amantaa Kiristaanaa Jiraattota Magaalaa Finfinnee, akkasumaas, Ummata Itoophiyaa biyya keessaafi ala jiraataniin baga guyyaa du’aa ka’uu Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin ittiin isin gahe ergaa jedhu dabarsaniiru.

Kutaaleen hawaasaa harka qalleeyyii tahaniifi deeggarsi taasifameefiis gumaacha AMN galateeffataniiru.

Mahaammad Toofiq tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply