Konfaransiin Nageenyaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

You are currently viewing Konfaransiin Nageenyaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

AMN – Muddee 17/2017

Konfaraansiin nageenyaa mata-duree “Nageenyi hundumaaf, hundi nageenyaaf” jedhuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinneen qophaa’e, Yaadannoo Injifannoo Aduwaatti gaggeeffamaa jira.

Konfaransicha irrattis, Hooggaantuu Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa dabalatee, Hooggantootni sadarkaa adda addaa irra jiran, Abbootiin Amantaa, Abbootiin Gadaa, Haadholii Siinqee fi Hawaasni Magaalaa Finfinnee argamaniiru.

Hooggaantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa ergaa dabarsaniin, nageenya Magaalaa Finfinnee waaressuu fi abjuu humnoota nageenya magaalichaa hin feene fashaleessuuf konfaransiin nageenyaa sadarkaa kutaa magaalaa hundatti hawaasa magaalichaa hunda hirmaachise gaggeeffama akka ture yaadachiisaniiru.

Nageenya Magaalaa keenyaa fi naannoo keenyaa eeguuf qindoominni keenya murteessaadhas jedhaaniiru.

Waamicha nageenyaa Mootummaan dhiyyeesse fudhachuun daandii Nagaa filatee gara nagaatti kan dhufe Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) galateeffataniiru.

Leensaa Hordofaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply