Duudhaa Masqalaan Guyyaa Waaree maaltu raawwatama?

You are currently viewing Duudhaa Masqalaan Guyyaa Waaree maaltu raawwatama?

‎AMN PLUS – Fulbaana 15/2018

‎Duudhaan kabaja ayyaana Masqalaa Uummata Oromoo biratti maal akka fakkaatu gabaasaalee walitti fufaa isin biraan gahaa turuun keenya ni yaadatama.

Gabaasa tibbanaan sirna Gubaa Daamootii kan isin biraan geenye yoo ta’u har’ammoo barii gubaa daamootii maaltu raawwatama kan jedhu irratti fulleffanneerra.

Maanguddoo Jiraataa Aanaa Boosat, Daadhii Absaa AMN Diijitaal waliin turtii taasisaniin Barii gubaa ayyaana waaree akka jedhamu himu. Jechi waaree kunis loon wajjin kan wal qabatu yeroo gannaa loontu hamma aannooleen dheedanii aannaan ganamaa cophaniif waaree yaafamu jedhan ‎Horiin ganna malee bona waaree hin yaafaman.

Kunis ganni roobaafi diilallaa waan qabuuf loon lafa rooba gannaatiin biqilee gabbatee san hanga sa’aatii waareetti dheedanii qe’etti dachaafamanii ciisuu jedhan manguddoon kun. Erga aannoolee elmatanii booda horiin gara dheeda oolmaa guyyaatti bobbaafamus jedhaniiru.

‎Gubaa barii guyyaa ayyaana waaree kana horiifi namnillee quufuu qaba. Horiin kaloo qopha’eef keessatti barraaqa obboroon waaree yaafama.

‎Jabbileenis haadha waliin oolti. Guyyaa kana aannooleen hin elmaman.

Yoo kan elmatanillee ta’e kan waatiyyoon quuftee irraa hafee elmatus jedhaniiru.

‎Guyyaa waaree kana ni qalatu. Kanaaf Abdoo Badhaasoo/Karraayyuu akkana jechuun sirbe

‎”Birraa yoo masqalaa

‎Oromoon daalacha adiif diimaa qalaa

‎Akka gaarii jirraa (quufaax2) gabbina gadaan

‎Yaa habaaboo birraa

‎Akka gaarii jirraa roobee magarte dacheenii

‎Yaa habaaboo birraa”

‎Kunis dacheen roobaan waa hunda kan magarsiite namnis ta’ee lubbu qabeeyyiin kamiyyuu akka quufe kan agarsiisudha.

‎Galgala guyyaa waaree marqaa waareefi aannantu okoleetti mijuu guutun dhiyaata. Innis nyaatamee dhugamuun dura eebba qaba.

‎”Masqalli gubaa nu ofkalchee

Waareellee nu haa ofkalchuu

‎Yaa ofkalchu

Daraaran sifaa

‎ sifa

Mijuun sifaa

‎ sifa”

‎Daraaran marqaa gabatee guutu yoo ta’u, mijuun aannaan okolee guutuuti jechuudha.

‎Eebba itti fufuun

‎”Masqalli birraa bookeedha

‎ bookee nu haa sangoomsu

‎ yaa sangoomsu

‎ qilleensa birraa nutti haa urgessu

‎ yaa urgessu

‎ bara amaanaa waaqni nu haa godhu

‎ yaa godhu

masqalli quufaa gabbina”

‎Jedhanii erga eebbifatanii booda marqaan waareetis dabareen fallaana loonitiin hirama. Jalqaba nama loon guyyaa waaree san barraaqa obboroon loon waaree yaasef marqaan dura kennamaaf.

‎Marqaa waaree san dura fudhachuuf wal ka’anii loon yaasuuf maatiin warra tokko yeroo itti wal dorgomanillee ni jira, ta’us nama dura irribaa dammaqee loon dura yaaseetu argata jechuudha. Mijuus erga biifatanii booda dabareen walitti dabarsuun okolee keessaa unatu.

‎Guyyaa waaree booda bariin guyyaa garmamaati.

Namuu qe’e isaatti erga irreeffatee booda gara malkaafi abdaaritti dhaqee irreeffata. Kunis oromoon osoo irrewcha malkaa Hora Finfinneefi Hora Harsadii hin dhufin dura malkaafi abdaarii qe’eedha qabutti bahee irreeffata jechudha.

‎Lafti naannoon baddaa warri fardaan beekaman garmamuu ykn gugsii fardaatin kabajachaa oolu. Bakki kuunis sirba, dhichisaan ayyaana guyyaa garmamaa kan kabajatu jechuudha.

‎Shuumii Badhaasootiin.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply