Duudhaan Oromoo dhugaa fida, dhugaan nagaa fida- Abbaa Gadaa Finfinnee Sabbooqaa Lataa

You are currently viewing Duudhaan Oromoo dhugaa fida, dhugaan nagaa fida- Abbaa Gadaa Finfinnee Sabbooqaa Lataa

‎AMN PLUS- Hagayya 08/2017

‎Manni Murtii Aadaa duudhaa Oromootiin haqa baasuun nama walitti araarsa, dhugaadhaan kan araarame ammoo fira cimaa waliif ta’uun nagaan waliin jiraata jedhan Abbaan Gadaa Finfinnee Sabbooqaa Lataa.

Abbaa Gadaa Dabbooqaan AMN PLUS waliin turtii taasisaniin, ‎Mana murtii aadaatti namni osoo dhugaa hin baasin hin araaramu. Yoo dhugaa baasuullee dide maatiifi gosa isaa yaamuun meeshaalee ittiin kakatu qabachiisanii kakachiisu.

‎Abba torbaan waan kakachiisaniif maatiifi gosti akka dhugaan dhokatu hin eeyyamaniif. Kanaaf abbaan badii waan balleesse akka ifa baasu taasisu.

‎kanaaf osoo dhugaan hin dhokatin namni haqa waliif kennee haaloo tokko malee garaa qulqulluun walitti araaramu jedhan Abbaan Gadaa Finfinnee Sabbooqaa Lataa.

“‎Magaalaa Finfinneetti bara 2011 namoota wal-lolan muraasa araarsuun kan eegalle yoo ta’u namoota hedduu dhugaa waliif kennisiisuun araarsaa turree” jedhan Abbaan Gadaa Sabbooqaan.

‎Namoonni waan baayyeerratti wal lolu. fakkeenyaf lafa, dhaaltummaa, fuudhaafi heeruma, guddifachaa, ilmoo gaa’ela dura dhalatteefi kanneen biroo irratti namoonni yoo wal lolan waan duudhaan Oromoo jedhuun dhugaa kennisiisanii akka haqaan walitti araarsanis dubbataniiru.

‎Finfinneedhaan alas iddoowwan akka Buraayyuu, Sabbataa, Jiddaa, Galaan Sooddoofi bakka biraatii namoonni wal lolan dhufanii nu biratti kan araaraman baayyeedha jedhaniruu, Abbaan Gadaa Sabbooqaa Lataa.

‎Manni Murtii Aadaa Kun Kutaalee Magaalaa Finfinnee biroo Keessatti babal’atee hojiin nageenyaafi araara buusuu qabatamaan akka hojjetamuuf Mootummaan xiyyeeffannoo kennuu qaba jedhan.

‎Duudhaan Oromoo dhugaa fida, dhugaan ammoo nagaa fidaa kan jedhan Abbaan Gadaa Finfinnee Sabbooqaa Lataa, nagaan bu’uura waan hundaa waan taheef kan walitti mufate hunduu, dhugaa waliif kennee akka araaramu dhaamaniiru.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply