AMN PLUS- Bitootessa 4 /2017
Eegalamuu ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa waggaa 14ffaa sababeeffachuun,Qooda fudhattoota garaagaraa waliin waltajjiin sosochii galii walitti qabuu akka Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Wajjirri Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa damee Magaalaa Finfinnee, eegalamuu ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa waggaa 14 sababeeffachuun qooda fudhattoota waliin yaadannoo injifannoo Adawaatti marii gaggeessaa jira.

Magaalaan Finfinnee ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaaf galii walitti qabuun adda dureen kan eeramtu wayita tahu, hojiilee muraasa hafan xumursiisuuf,ammas sosochii galii walitti qabuu eegaluu,Walitti qabaan Waajjira Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa Damee Magaalaa Finfinnee Misikkir Nagaash (Dr.) himaniiru.
Keessummaa kabajaa ta’uun waltajjicha kan hirmaatan, Hooggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii magaalaa Finfinnee Hiruut Kaasaahuu (Dr.), Hidhi Haaromsaa Guddicha Ityoophiyaa,akkuma injifannoo Adawaa sabootaafi sab-lammoota uummattoota Itoophiyaan ijifannoo argame isa guddaa ta’uu kaasuun,ammas tokkummaadhaan ijaarsa hidhichaa goolabamaa jiru waliin xumurree, miira ni dandeenyaa haa mirkaneessinuun dhaamaniiru.
Yeroo amma ijaarsi walii galaa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa %97.6 irra gahee kan jiru yoo ta’u,akka Magaalaa Finfinneetti erga ijaarsi hidhichaa eegalamee kaasee,sosochii galii walitti qabuu gaggeeffamaa tureen, birriin biiliyoonni 5.8 ijaarsa hidhichaaf walitti qabameera.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.