Faayidaan Biyyaalessaa akka mirkanaa’uuf hojjenna- Paartii Diimokiraatawaa Tigray

You are currently viewing Faayidaan Biyyaalessaa akka mirkanaa’uuf hojjenna- Paartii Diimokiraatawaa Tigray

AMN PLUS – Onkoloolessa 14/2018

Paartiin Diimokiraatawaa Tigraayi yaa’ii dhaabbattummaa jalqabaa Finfinneetti taa’aa jira.

Yaa’icharratti dursaa olaanaan paartichaa Obbo Geetaachoo Raddaa fi miseensotnifi hoggantoonni Paartichaa argamaniiru.

Ulaa galaanaa dabalatee Faayidaan Biyyaalessaa Itoophiyaa roga maraan akka mirkanaa’uuf akka hojjetu Paartichi beeksiseera.

Karoora misoomaa tarsiimawaan akka milkaa’aniif paartilee biroo waliin akka hojjetu dursaa olaanaan paartichaa obbo Birhaane G/kiristoos ibsaniiru.

Ulaa Galaanaa argachuuf tokkummaa barbaada jechuun, gaaffiin hidhannoon deebi’u takkallee waan hin jirreef karaa nagaan tokkoomnee fedhii Biyyaalessaa kabachiisna jedhan.

Wiirtuun Paartichaa Naannoo Tigraayi ta’us ajandaalee biroo irratti garuu paartilee biyyaalessaa waliin akka hojjetu ifoomseera.

Miruts Tasfaayeetu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply