Fayyadamummaa qonnaa bulaa waaraan mirkaneessuufi al-ergi oomisha qamadii guddisuuf misoomni qonna jal’isii oomisha qamadii bonee gahee guddaa qaba- Tashoomaa Addunyaa (Dr.)

You are currently viewing Fayyadamummaa qonnaa bulaa waaraan mirkaneessuufi al-ergi oomisha qamadii guddisuuf misoomni qonna jal’isii oomisha qamadii bonee gahee guddaa qaba- Tashoomaa Addunyaa (Dr.)

AMN PLUS- Bitootessa 4/2017

Fayyadamummaa qonnaa bulaa waaraan mirkaneessuufi al-ergi oomisha qamadii guddisuuf misoomni qonna jal’isii oomisha qamadii bonee gahee guddaa akka qabu Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Tashoomaa Addunyaa (Dr.) himaniiru.

Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Jilli Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Tashoomaa Addunyaatiin (Dr.) durfamu oomisha qamadii bonaa Kutaa Magaalaa Galaanitti oomishamaa jiru daawwateera.

Daawwannicha irratti ibsa kan kennan Katiibaan magaalaa Shagga Tashoomaa Addunhaan (Dr.) yeroo Magaalaan Shaggar hundaa’u oomishni qamadii bonee hektaara 12 qofa kan ture bara darbe gara hektaara kuma 60 guddachuu himan.

Haaluma walfakkaatuun bara kanas lafa hektaara kuma 65 qotuuf karoorfamee kuma 53 misoomfamuu isaa ibsaniiru.

Daawwannicha irratti aanga’oonni mootummaa garagaraa fi Bulchiinsa Magaalaa Shaggar hirmaataniru.

Kaasiyyee Maanguddaatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply