Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa miidhaa Atileet Galatee Burqaa irra gahe balaaleffateera.
Federeeshinichi rakkoo tibbana Atileet Galatee Burqaa irra gahe ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenneen saamichaa fi qocolaa atileetota dubartootaa irratti raawwatamu dura dhaabbachuuf kan hojjetu ta’uus himan.
Federeshiniin Biyyalessaa miidhaan Atleet Galateerra gahe baayy’ee keessa isa xiqqaadha jedheera. Miidhaa Atileetotarra gahu hir’isuuf seerri Afrikaa Kibbaa fi Keeniyaan hojiirra olchan Itoophiyaattis hojiirra ooluu qaba, mootummaan Itoophiyaas seericha hojiirra akka oolchu federeeshinichi gaafateera.
Dhimmi Atileet Galatee Burqaa seeraan kan qabame yoo ta’u haqani akka kennamuuf Federeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa gaafateera.
Tammiraat Abarraatu gabaase