AMN PLUS – Onkoloolessa 01/2018
Feestiivaalli nyaata aadaalee Itoophiyaa jalqabaa har’a magaalaa Shaggaritti gaggeeffama.
Festiivaalicha Inistiitiyuutii Leenjii Turizimii, Kurriftuu Afiriikaa Viileejii, Bulchiinsa Magaalaa Shaggarii fi Ministeera Hojii fi Ogummaa waliin kan qopheesseedha.
Hoji raawwachiistuun Kominikeeshinii fi Sab quunnamtii Inistiitiyuutii Leenjii Turizimii Aadde Asteer Takilee ogeeyyii inistiitiyutichaa saboota, sab-lammootaa fi uummattoota adda addaa naannoleetti argaman nyaata aadaalee argaman irratti qo’annoo gaggeessuu beeksisaniiru.

Haala qophii nyaata aadaalee hanga nyaatichaa albuudota of keessatti qabatanii fi waliigalaan adeemsa qophii isaatii kan agarsiisan sanada isaa barreessuun bifa kitaabaan qopheessaa kan jiru ta’uu eeraniiru.
Inistiitiyuutichi gosa nyaata aadaalee 205 ta’an bifa sanadaa kitaabaan galmeessuuf qopheesseera.
Festiivaalichi nyaatawwan aadaa kun gara gabataatti akka dhufanii fi fayyadamtoota bira akka gahan gochuu aadaa beeksisuu, hubannoo uumuu ijarsa biyyaa fi faayidaa turizimii nyaataa guddisuuf gahee akka qabu Aadde Asteer Taklee ibsaniiru.
Festiivaala nyaata aadaa irratti harmootiin nyaata qopheessan bakka bu’ooti sab lammootaa hoteelotaa fi hooggantoonni hojii mootummaa ambaasaaddarootaa fi dhaabbileen addaddaa akka hirmaatan TOI gabaaseera.