Fiigicha Guddicha Itoophiyaa 25ffaa Dilbata adeemsifamu ilaalchisuun ibsi miidiyaaleef kennameera.
Ministir Deetaan Ministeera Turizimii Dr. Indeganaa Abbabaa saganticha irratti argamuun haasaa taasisanii, fiigichi guddichi Itoophiyaa dorgommii Ispoortiirra kan darbe atileetonni ciccimoon Itoophiyaa addunyaarratti kan ittiin mul’ataniifi, tokkummaa biyyaalessaa kan agarsiisnuudha jedhan.
Fiigichi Guddichi Itoophiyaa hundeeffamarraa eegalee, Hojiiwwan tola ooltummaa, hawwata turizimiifi diinagdee biyyattii guddisuu keessatti shoora olaanaa bahachaa jiraachuu Dr Indaganaa Abbabaa dubbatani.
Hundeessaan Fiigicha Guddicha Itoophiyaa Atileet Hayilee Gabrasillaaseen gama isaaniin, waltajjichi bara injifannoo olaanaa itti galmeessineedha jedhanii, Waliigalteen Bank of America waliin mallatteessine guddina biyya keenyaaf gumaacha olaanaa kan taasisuudha jedhani.
Sagantaan Waggoota 25 baranaa akka salphaatti eegalle amma firii horateera kan jedhan atileet Haylee Gabrasillaaseen, milkaa’ina kanaaf lammiilee Itoophiyaafi dhaabbilee deeggarsaan tumsan galateeffataniiru.
Fiigicha guddicha Itoophiyaa 25ffaan namoonni lakkoofsaan 55,000 ta’an kan irratti hirmaatan ta’uunis ibsameera.
Dorgommichi Dilbata ganama Magaalaa Finfinneetti gaggeeffama.
Dachaasaa Dhaabiitu Gabaase.