AMN Plus- Onkoloolessa 27/2018
Filiippinsitti balaa obomboleettii Kalmaa’egii jedhamuun lammiilee 117 lubbuu dhabuu hordofee, labsii yeroo hatattammaa labsiteetti.
Obomboleettii hamaa rooba cimaa makate kanaan namootni 124 bakki gahan hin beekamne.
Pirezidaantiin Filiippiinsi Ferdinaand Maarkos labsiin kun tattaaffii lubbu baraaraa, gargaarsa dhiyeessuufi hojii bakkatti deebisuu akka saffisiisu ibsaniiru.
Haalli itti maallaqni gargaarsaa argamuufi deggersa namummaa kanneen qaqqabsiisuuf adeemsa barbaachisuuf haala akka mijeessu ibsaniiru
Balaa kanaan lammiileen Kuma 500 caalan qe’ee isaanii irraa yoo buqqa’an, kanneen Miliyoona 1.4 ta’an irra hubaatiin qaqqabeera.
Obomboleettiin kun kirkira Lafaa rektar iskeelii 6.9 ta’uun galmaa’e, Bulchiinsa Seebuu keessatti namoota 30 galaafate hordofee kan uumame ta’uu ibsameera.
Kalmaa’egiin Filiippiinsi tti, naannolee 12 biyyattii keessaa 10 irratti hubaatii qaqqabsiisuu akkan oolle ibsamu kun gara Giddu Galeessa Veetnaamitti imalaa jiraachuu isaa Anadolu fi BBC’n gabaasaniiru.