AMN PLUS -Onkoloolessa 03/2018
Finfinnee giddugala turizimii fayyaa gochuuf hojjetamaa akka jiru Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee himan.
Yaa’ii idilee 1ffaa Bara Hojii 5ffaa Mana Maree Magaalaa Finfinnee 3ffaa har’a gaggeeffamaa jiru irratti damee fayyaaf xiyyeeffannaa kennuun hojjetamaa akka jiru Kantiibaa Adaanech Abeebee dubbataniiru.

Waliin geettii fayyaaf 2017 buufata fayyaa 9 sadarkaa hospitaala jalqabaatti tajaajiluu danda’an ijaarsi isaanii xumuramuu kaasaniiru. Akkasumas bufataaleen fayyaa 13 haaromsamanii hojii irra jiraachuu dubbataniiru.
Hospitaalota duraa kanneen akka Hospitaala Zawudiituu haaromsa adda gochuufii irra darbee teekinooloojii haaraan guutuuf hojjenneerra jedhaniiru. Hospitaala Zawudiituu, Hospitaala Raas Dastaa fi Xirunash Beejingi haaressuun tajaajilaaf mijaa’oo taasifamuu ibsaniiru.

Hojiin kun baajata mootummaa fi deggersa abbootii qabeenyaan akka raawwate himaniiru. Karaa biroo dhukkuboota wal’aansa hanga biyya alaa gaafatu hambisuuf hospitaala sadarkaa 3ffaa gurguddoo lama asumatti wal’aansa guutuu kennuu danda’an ijaarsi isaanii eegalee akka jiru dubbatan.
Daraartuu Tarreessaatiin