Finfinnee jireenyaaf mijattuu taasisuuf hojiileen eegalaman cimanii itti fufu- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Finfinnee jireenyaaf mijattuu taasisuuf hojiileen eegalaman cimanii itti fufu- Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Hagayya 29/ 2017

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen hojiileen Finfinnee jireenyaaf mijattuu taasisuu cimanii itti fufu jedhan.

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr) hojii misooma kooriidarii Addabaabaayii Masqalaa- Magganaanyaa- Saawuz Geet guyyaa har’aa eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Kantiibaa Adaanech Abeebeen eebba misooma kooriidarii kana ilaalchisuun ergaa dabarsaniin, haala jireenyaa jiraattota magaalichaa fooyyessuuf boqonnaa malee kutannoon hojjetamaa jira jedhan.

Misoomni kooriidarii guyyaa har’aa eebbifames misooma kooriidarii marsaa lammaffaan eegalaman saddet keessaa isa shanaffaa ta’uu kaasaniiru. Hojiin misooma kooriidarii kun dirree kubbaa miillaa, kaafteeriyaawwan, iddoo daa’imman itti taphataniifi kanneen biroo kan of keessatti hammate ta’uu eeraniiru.

Magaalicha bakkeewwan hundatti hojiileen misoomaa hojjetaman gaheessota, daa’imman, dargaggootafi qaama miidhamtoota kan hammatan ta’uus hubachiisaniiru. Magaalaa damee hundaan jiraattotaaf mijattuu taate ijaaruuf dursa kennaniin kan hojjetan ta’uus dubbataniiru.

Gamtaan yoo hojjetame guddinni Itiyoophiyaa ariitiin akka dhugoomu kaasanii, kanaaf ammoo lammiin hundi gaheesaa bahachuu akka qabu gaafachuu Odeeffannoon Waajjira Kantiibaa irraa arganne ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply