Finfinneen bakka dhaabbii, konkolaattota Kuma 35 keessummeessuu ijaarteetti- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Finfinneen bakka dhaabbii, konkolaattota Kuma 35 keessummeessuu ijaarteetti- Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN Plus- Onkoloolessa 03/2018

Magaalaa Finfinneetti Misooma Kooriidaraan Bakkeewwan Dhaabbii Konkolaataa 150 ol ijaaramuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanecha Abeebee himan.

Kantiibaa Adaanech Yaa’ii Idilee 1ffaa Bara Hojii 5ffaa Manan Maree Magaalaa Finfinnee irratti dhimmoota geejjibaan walqabatanii gaaffilee ka’aniif deebii kennaniiru.

Magaalaa Finfinneetti saffisa geejjibaa wantoota danqan keessaa inni tokko, daandiiwwan gurguddoon dhaabbii konkolaataaf ooluu isaanii ta’uu kan yaadachiisan Aadde adaanech, wagga tokkoof walakkaa keessatti qofaa konkolaataa kuma 35 keessummeessuu kan danda’an bakkeewwan dhaabbii konkolaataa 150 ijaaramuu himan.

Gama biraanis terminaalotni taaksiifi awutoobisii hawaasaaf haala mijatoo ta’aniin magaalicha keessatti babal’ataa jiraachuullee dubbataniiru.

Bulchiinsi magaalichaa kurmaana jalqabaatti awutoobisiiwwan anniisaa ibsaan hojjetan 100 hojiitti bobbaasuun rakkoo geejjibaa jiru xiqqeessuu himuun, fuuldurattis dame geejjibaa fooyyessuufi dhaqqabamaa taasisuuf hojiin eegalame itti fufa jedhaniiru.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply