Finfinneen barattoota qabxii 500 ol fidan 888 qabaachuun 1ffaa taate

You are currently viewing Finfinneen barattoota qabxii 500 ol fidan 888 qabaachuun 1ffaa taate

‎AMN PLUS- Fulbaana 4/2018

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee barattoota qabxii 500 ol fidan 888 horachuun 1ffaa akkasumas barattoota qormaataaf dhiyeesse keessaa dhibbantaa 25.9 dabarsuun 1ffaa ta’e.

Ministeerri Barnootaa bu’aa Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa har’a ifoomseera.

‎Finfinneen barattoota 888, qabxii 500 ol fidan horachuun akka waliigalaatti 1ffaa ta’uu Miniseerichi ibseera.

‎Bara barnootaa 2017’tti barattoota kutaa 12ffaa qormaataaf taa’an keessaa Kumni 48 caalan qabxii seensa yunivarsiitii galmeessisuu isaaniis beeksise.

‎Barattoota Kuma 585 fi 882 qormaata Kutaa 12ffaa fudhatan keessaa barattootni Kuma 48 fi 29 qabxii seensa yunivarsiitii galmeessisuu isaanii Ministirri Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaa ifoomsaniiru.

‎Bara darbee wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu, barattoota Kuma 12 caalaan dabalataan dabarsuun akka danda’ame ibsameera.

‎Akka ragaa Ministeera Barnootaa irraa argametti, manneen barnootaa 1249 barataa tokko illee hin dabarsine.

Tamasgeen Yimaritu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply