Finfinneen guutummaa Afrikaa boonsiti – Daawwattoota

You are currently viewing Finfinneen guutummaa Afrikaa boonsiti – Daawwattoota

AMN Plus- Onkoloolessa 28/2018

Guddina hunda galeessa Magaalaa Finfinneetti argan baay’ee dinqisiiffachuusaanii hirmaattonni yaa’ii sagantaa beelladaa idil addunyaa ibsan.

Hirmaattonni Sagantaa Yaa’ii waggaa bineensota Bosonaa Addunyaa misooma hunda galeessa Magaalaa Finfinnee daawwataniiru.

Keeniyaa irraa kan dhufan Viikter Masiiziiyaa, Finfinneetti Damee Diinagdee fi Hawasummaan jijiiramoonni guddaan galmaa’uusaanii akka argan ibsuun, keessumaa hojiiwwan Misooma Koriidaraan hojjetaman miidhagina Magaalicha dabaluusaa ibsaniiru.

Hawaasni haala itti keessummaa simatu dinqisiifachuun gara fuula duraatti Magaalota deddeebi’uuun daawwatan keessaa tokko taa’uu himaniiru.

Kan biroon chaayinarraa kan dhufan Jiidaa Dii gamasaaniin, Magaalaan Finfinnee yeroo yerootti jijjiirama haaraa kan argan Magaala magariituu ta’uu ragaa bahaniiru.

Bakkeewwan bashannanaa hedduun hojjetamuusaanii ibsuun, kunis haala jireenyaa kan jijjiiran ta’usaanii dubbataniiru.

Magaalaan Finfinnee yeroo ammaa Magaalaa Afrikaanota Boonsitu ta’uushee kan ibsan immoo daawwataa biraa Angoolaarraa dhufan Noyitiin Tu dha.

Daawwataan Kanaadaarraa dhufan Joorji Staad gamasaaniin, paarkii tokkummaa dabalatee bakkeewwan magaalichaa hedduu daawwachuusaanii dubbataniiru.

Magaalota Addunyaa Ammaan dura arge keessaa Magaalaan Finfinnee hundishee miidhagduu fi kan dinqisiifatamtu taatee arguu ibsaniiru.

Itoophiyaan baay’ee adda kan jedhan Indooneejiyaa irraa kan dhufan Leesii Yaaser dha.

Magaalaa Finfinneetti bakkeewwan turizimii babal’achuu eeruun, magaalaa dinqisiifamtu haalli jireenya hawaasaa itti jijjiirame ta’uu eeraniiru.

Sagantaa daawwanicha kan qopheesse Komishinii Tuurizimii Magaalaa Finfinneetti. TOI

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply