Finfinneen hirmaattota ayyaanaafi tuuristootaaf mijooftuu taateetti- Kantiibaa Adaanach Abeebee

You are currently viewing Finfinneen hirmaattota ayyaanaafi tuuristootaaf mijooftuu taateetti- Kantiibaa Adaanach Abeebee

‎AMN PLUS– Fulbaana 24/2018

‎Finfinneen ayyaanota Addabaaabaayii, hirmaattotaafi tuuristoota Addunyaa mara irraa dhufaniif miidhagina dabalataafi mijooftuu ta’uu Kantiibaa Adaanach Abeebee ibsan

‎Kantiibaa Adaanach ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Ayyaanni Irreechaa duudhaa aadaa isaa eeggatee haala miidhagina qabuun kabajamee xumuramuu ibsaniiru.

‎Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee uummata Oromoo qofa osoon taane bakka sabaafi sab-lammootni hedduu, daawwattootni biyyoota garaa garaa akkasumas qorattootni seenaafi aadaa argamanitti haala addaatuin miidhagee kabajamuun xumuramuu dubbataniiru.

‎Finfinneen misooma koriidariifi laggeeniin miidhagdee, ayyaanota addabaaabaayii, hirmaattota ayyaanichaafi tuuristoota biyyoota addunyaa mara irraa dhufaniif hawwattuufi mijooftuu ta’uu eeraniiru.

‎Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee haala miidhagaafi dammaqaa ta’een akka kabajamuufi duudhaa aadaa isaa eegee akka kabajamu gumaachan hundaaf, keessumattuu jiraattota Finfinneef galata dhiyeessanii jiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply