Finfinneen malaammaltummaa ittisuun fakkeenya gaarii ta’uu ibsame

You are currently viewing Finfinneen malaammaltummaa ittisuun fakkeenya gaarii ta’uu ibsame

‎AMN PLUS-Sadaasa 6/2018

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee ‎Malaammaltummaa ittisuun hojii fakkeenya gaarii qabu hojjechuun ibsame.

‎Komishinarri Komishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Jamaal Radii dhaloota naamusaan, dhaabbilee ammoo Hojimataan haala barsiisuun danda’amu irratti qaamni hundumtuu hojii manaa taasifatee akka hojjachuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

‎Guyyaa Farra Malamaltummaa akka addunyaatti Finfinneetti kabajamu irratti kana ibsan yoo ta’u, kutaalee Magaalichaa hunda irraa Qooda fudhattoota Hirmaachiisuun mariin taasifameera.

‎Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinneetti Itti Gaafatamtuun Dhimmoota Siyaasaa Aadde Alemtsahaay Shifarraa hojiiwwan malaammaltummaa ittisuun wal-qabatee Magaalaan Finfinneen maqaa fakkeenyummaan kahu qabaachuu Ibsaniiru.

‎Komiishinar Jamaal guyyaan farra malaammaltumaa yoo kabajamu hojii hubannoo uumuuf xiyyeeffannoon kennamuu akka qabus hubachiisaniiru.

‎Komishiniin Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Magaalaa Finfinnee hojiiwwan Bara Baajataa 2018 Kurmaana Tokkoffaa keessa hojjete gamaaggameera.

‎ Rabbirraa Hirphaatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply