Finfinneetti araddaan Daalattii haga Muujjaa Mandara Barnootaa akka ta’u murtaa’e

You are currently viewing Finfinneetti araddaan Daalattii haga Muujjaa Mandara Barnootaa akka ta’u murtaa’e

AMN PLUS- Bitootessa 30, 2017

Kaabineen magaalaa Finfinnee araddaa Daalattii (4 Kiiloo) haga Muujjaa (Shiroo Meedaa) Mandara Barnootaa akka ta’u murteesse.

Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waggaa 4ffaa walgahii idilee 9ffaan ajandaawwan afur irratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Haaluma kanaan

1ffaa. Ministeera Karooraafi Misoomaafi Ministeera Barnootaan waloon qoratamee kan dhihaate araddaa Daalattii (4 Kiiloo) haga Muujjaa (Shiroo Meedaa) jiru mandara Yuunivarsiitii ta’uun tajaajilawwan naannicha jiran hammachuun barnoota, qorannoo, beekumsaafi gahoomina aadaa akkaataa guddisuu danda’uun kan dhihaate waan ta’eef kaabineen magaalichaa irratti mari’achuun murtoo hundeeffama mandarichaa raggaaseera

2. Wixinee danbii hundeeffama mana maree sirna nyaataafi Niiwutiriishiniirratti mari’achuun murtoo dabarseera

3. Wixinee danbii hundeeffama mana maree hooggansa sodaa balaafi Fandii qophii balaarratti mari’achuun raggaaseera.

4. Biiroo Misoomaafi Bulchiinsa Lafaan kan dhihaate piroojektiiwwan faayidaa hawaasummaafi dinagdee qaban, gaaffiiwwan ramaddii lafaa ilaallatan kaabineen magaalichaa irratti mari’atee murtoo dabarseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply