AMN PLUS- Onkoloolessa 11/2018
Dambii darbinsa magaalaa ittisuufi to’achuuf hojiileen hojjetaman bu’aa qabatamaa agarsiisaa akka jiran Hoji Raawwachiisan Abbaa Taayitaa Dambii Kabachiisaa Magaalaa Finfinnee Kumalaa Zarihuun Tafarraa ibsaniiru.
Qaamoota dhimmi ilaallatu waliin hojiiwwan hojjetamaniin dambii kabachiisuun % 83’n akka fooyya’e Hoji Raawwachiisan kun ibsaniiru.
Hojii dambii dabruu kana magaalaa keessa hir’isuuf hojii eegalame qindoominaan gochaatti jijjiiruun barbaachisaa akka ta’es Kumalaa Zarihuun Tafarraa yaadachiisaniiru.
Abbaan Taayitichaa raawwi kurmaana 1ffaa bara 2018 tiin hojiilee hojjetaman qaamoolee dhimmi ilaallatu waliin gamaaggamaa jira.
Zallaqaa Oljirraatu gabaase