Finfinneetti tajaajilli geejjiba ummataa sirna kaffaltii dijitaalaan kennamuufi

You are currently viewing Finfinneetti tajaajilli geejjiba ummataa sirna kaffaltii dijitaalaan kennamuufi

‎AMN PLUS- Hagayya 10/2017

‎Magaalaa Finfinneetti konkolaattonni tajaajila geejjiba ummataa kennan bara 2018 irraa eegalee sirna kaffaltii dijitaalaa akka eegalan Biiroon Geejjibaa Finfinnee beeksise.

‎Finfinnee magaalaa ismaartii taate ijaaruun tajaajila waraqaa irraa bilisa ta’e kennuuf sochiiwwan gara garaa taasifamaa jira.

‎Itti gaafatamaa Itti Aanaan damee Oppireeshinii Biiroo Geejibaa Finfinnee Obbo Daanyaachaw Shifarraa tajaajila geejjibaa magaalaa guddoo biyyattii ammayyeessuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

‎Hojiin sirna geejjibaa teeknooloojiin ammayyeessuun Dhaabbata Veloosiitii fi atoobisoota magaalaatiin eegalamuu isaa biirichi hubachiiseera.

Dhaabbileen kunneen filannoowwan dijitaalaa adda addaatiin tajaajila kennaa akka jiran ibsaniiru.

‎Bara 2018 irraa eegalee konkolaattonni magaalaa Finfinnee keessatti tajaajila geejjibaa ummataa kennan harki caalaan isaanii, atoobisoota magaalaa dabalatee gara kaffaltii dijitaalaatti akka cehan ni taasifama jedhan.

‎Jiraattonni magaalaa tokko tokko, kaardii ismaartii fayyadamuun yeroo isaanii qusachuu irra darbee kaffaltii ji’atti waan raawwataniif baasii isaanii to’achuuf kan isaan dandeessise tahuu isaa dubbachuu Tajaajila Oduu Itoophiyaa’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply