Barattoota Kuma 800 ol Guyyaatti yeroo lama sooruun danda’ameera- Ejensii Nyàataa

You are currently viewing Barattoota Kuma 800 ol Guyyaatti yeroo lama sooruun danda’ameera- Ejensii Nyàataa

AMN PLUS- Bitootessa 02/2017

Barattoota Kuma 800 ol Guyyaatti yeroo lama sooruun danda’amuu Ejensii Nyàataa Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Ejensiin Nyaataa Magaalaa Finfinnee Hojii waggoottan jahan darban hojjechaa ture irratti qaamoolee gara gara waliin marii’ateera.

Ejeansiichi Mata duree “Aaraa gaalfii jiraattoota hanga ijaarsa dhalootaa” jedhuun hojiilee waggoottan jahan darban hojjetaman gamaaggamuun loogoo haaraa ifoomseera

Daayirektara olaantuun Ejensii Nyaataa Magaalaa Finfinnee Aadde Shittaayee Mohaammad akka jedhanitti, guyyatti barattoonni kuma 800 fi kuma 34 ol yeroo lama sooraa jiraachuu ibsaniiiru

Sababa hanqina meeshaalee barnootaan barattootni barnoota isaanii akka addaan hin kunneef barattoota miliyoona 1oliif meeshaalee barnoota guutuun barnoota isaanii yaaddoo tokko malee akka hordofaan taasisa jira.

Sagantaan Nyaata barattootaa kun haadhoolii Kuma 17 oliifis carraa hojii kan uumeef ta’uu ibsaniiru

Hirmaanna abboottii qabeenyaan fi tola ooltootaan gidduu galoota soorataa Tesfa Birhaan 22 ijaarsisuun lammiilee Kuma 36,600 Guyyaatti yeroo tokko sooruun danda’ameera jedhan

Mangashaa Daargeetu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply