• Qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuf hojiin eegalame cimee itti fufuu qaba
• Inisheetiiviiwwan addaa addaa yaadama Ministira Muummee Dr Abiyyi Ahimadiin eegalaman bu’aa qabeessa waan ta’aniif cimanii itti fufuu qabu
• Dhaabbileen qorannoofi qo’annoo qonnaa damee qonnaa utubuun irraa eegama
• Dhabbileen hojii to’annoo hojjetan itti gaafatamummaasaanii haala kamiin hojjetaa jiru? Bilisummaa akkamii qabu?
• Sirna daldalaa, kaffaltii gibiraafi taaksii seera qabiisuuf maaltu karoorfame?
• Mootummaan rakkoo nageenyaa waaraan furuuf maal hojjetaa jira?
• Pirojektiiwwan kaka’umsa ministira Muummeen eegalaman cimanii itti fufuu qabu
• Rakkoowwan misoomawwan bu’uuraa furamuu qabu
• Dhibee dursanii ittisuu, tajaajila fayyaa ammayyeessuu, dhaabbilee fayyaa ijaaruu, rakkoo dhiheessii qorichaafi meeshaalee waldhaansaa furuuf maaltu karoorfame?
• Rakkoon nageenyaafi walitti bu’iinsi kutaawwan biyyattii gara garaatti mudate biyyattii baasii hin malleef saaxileera, nageenya waaressuuf maaltu karoorfame?
• Lammiilee sababa ijaarsa misoomawwan bu’uuraan ka’an deeggaruurratti hojiin hojjetame yaa ibsamu?
• Ijaarsi hidha haaromsaa guddichaa pirojektii dhalootatti darbu waan ta’eef akkuma eegallu xumuruun gahee lammiilee hundaa ta’uu qaba
AMN PLUS- Bitootessa 11/2017