Gaazaatti ‎haleellaan haaraa yeroo dhiyootti ni eegala – Netaaniyaahuu

You are currently viewing Gaazaatti ‎haleellaan haaraa yeroo dhiyootti ni eegala – Netaaniyaahuu

‎AMN PLUS – Hagayya 05/201‎

‎Muummichi Ministiraa Israa’el Beenjaamiin Netaaniyaahuun haleellaa haaraa Gaazaatti yeroo dhiyootti akka eegalan beeksisan.

‎Israa’el duula haaraa kana Gaazaa weeraruuf osoo hin taane bilisa baasuuf geggeessiti jette.

‎Haa ta’u malee, hawaasni idil-addunyaafi biyyootni garaa garaa murtoo Israa’el Gaazaa to’achuuf qabdu qeeqaa turan.

‎Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii walgahii ariifachiisaa taa’een, karoora Israa’el kana balaaleffachuun gidiraan Paalastaayin keessatti gahu akka dhaabbatu waamicha dhiheessee ture.

Kana hordofee Netaaniyaahuun haleellaa Gaazaatti raawwatan, lammiilee isaanii booji’amanii turan gadhisiisuufi Gaazaa bilisa baasuun “saffisaan” akka xumuran beeksisaniiru.

‎Magaalaa Gaazaa, naannoo Saabraatti dhiyaatee argamu, suuqii tokko keessatti haleellaa qilleensaa Israa’eliin raawwatameen, yoo xiqqaate namoonni shan ajjeefamuu Qondaaltotni Fayyaa Hospitaala Shifaa beeksisaniiru.

‎Netaaniyaahuun Karoora Gaazaa to’achuuf qaban ilaalchisee Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin mari’achuusaa Waajjirri muummichi ministiraa Israa’el hubachiiseera.

‎Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Bakka bu’ootni Awurooppaa, Gaazaatti beelli hammaachaa adeemuusaa ibsuun, murtoon Israa’el haala kana daran akka hammeessu beeksisaniiru.

‎Kaayyoon Israa’el, Hamaasiin meeshaa hiikkachiisuu akka tahe ibsitus, Hamaas mootummaan Paalastaayin walaba ta’e yoo hin hundeeffamne hidhannoo hin hiikkannu jedhan.

‎Israa’el Gaazaatti haleellaa haaraa banuuf karoorfachuun lammiilee Israa’el booji’amanii ammallee harka Haamaas jiran kan gaaga’u akka tahe himamaa jira.

‎Maddi: AFP

‎Daraartuu Tarreessaatiin,

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply