Gaazexeessaa AMN maallaqa dogoggoraan dabarfameef walakkaa miiliyoona deebise

You are currently viewing Gaazexeessaa AMN maallaqa dogoggoraan dabarfameef walakkaa miiliyoona deebise

AMN Plus- Onkoloolessa 22/2018

“Guddisni koos, oogummaan koos amanamummaa na barsiisani” jedha Gaazexeessaan AMN birrii dogoggoraan dabarfameef Kuma 400f Kuma 95 deebise.

Saadiyaa Dajanee jedhamti, Jiraattuu Magaalaa Finfinnee naannawa Markaatootti suuqii daldalaa keessa qacaramtee hojjettu dha. Hojiin ishee ijoon galii to’achuufi daldalaa raawwatamuuf maallaqa kaffaluudha.

Hojii kana irratti of eeggannoo cimaa kan gootu Saadiyyaan, tibbana Onkoloolessa 17/2018 Birrii Kuma 400fi Kuma 95 Daldala dijitaalaan dogoggoraan dabtara Herreegaa Gaazexeessaa AMN Fiqaaduu Mokonnin irratti dabarsite.

Saadiyyaan Mallaqa hagana ga’u dogoggoraan dabarsu ishee hin beektu. Gara galgalaa baasiifi galii yeroo ilaaltu dogoggoruu ishee baruun isheefi maatiin ishee naasuu cimaa keessa galuu turtii AMN Dijitaal waliin taasisteen himte.

Gaazexeessaan AMN Fiqaaduunis mallaqni hagana ga’u nama hin beeknerraa dabarfamuu yoo argu nahuun haadhaa warraasaa qofaatti hime. “Haqqiin Namaa akkawuntiikoorra galeera” jedheen. Halkan sana bilbila eegaa turuu kan dubbate Fiqaaduun, hanga bari’utti dhiphuudhaan akka bule dubbata.

Saadiyyaattis halkan tokko akka Waggaa tokkoo itti dheeratte. Ganama suubiin kaatees Damee Baankii akkaawuntiin kun itti baname deemuun dogoggoraan Birrii miiliyoona walakkaa namaaf dabarsuu itti himte.

Ogeeyyiin baankichaas gara Gaazexeessaa Fiqaaduutti bilbiluun dogoggora uumame itti himan. Fiqaaduun yeroo kana dhagahu gammachuu guddaan hafuura dheeraa baafate.

Yerosuma gara Baankichaa deemuun Mallaqa dabarfame hundumaa Saadiyyaaf yoo deebisu isheen dhugaa hin seene.

Gaazexeessaa Fiqaaduun guyyaa mallaqni dogoggoraan davarfameef daqiiqaawwan muraasa dursee suuqii Saadiyyaafaatii waa bituun Mallaqa dabarseefii turuus yaadatte.

“Gaafan isa argu akka nama lammaffaa dhalateen ta’e. Mallaqa hundasa gatii argaallee osoo hin fudhatin guutummaan naaf deebise. Bara jireenyakootti nama amanamaa akkasii argee hin beeku” jechuun AMN Diijitaaliif ibsite.

Gaazexeessaa Fiqaaduun taatee kana booda yaada nuuf laateen “Guddisni koos, oogummaan koos amanamummaa na barsiisani, akkuman Mallaqa kana bilbilakoorraa argeen akkan deebisu beeke” jedheera.

Gatiin gaarummaa waaqa biraa kaffalama kan jedhe Fiqaaduun, damee hojii irratti bobba’eefis Biyyasaafis akka amanametti lakkaa’uu eere.

Tagany Bafiqaaduutiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply