Gabrummaan gurguramuu, haga barnoota ammayyaa Itoophiyaatti eegalchiisuu

You are currently viewing Gabrummaan gurguramuu, haga barnoota ammayyaa Itoophiyaatti eegalchiisuu

AMN PLUS- Hagayyaa 25/2017

Daani’eel Dabalan garbummaatti gurguramuurraa kaa’uun barnoota ammayyaa Itoophiyaatti kan jalqaban ta’uu ragaan seenaa isaanii ifoome.

Kitaabni seenaa Daani’eel Dabalaa irratti Luba Fiqaaduu Beenyaafi Obbo Lammii Mokonniiniin barreeffame eebbifame.b Itoophiyaatti mootichi Miniliik osoo barnoota ammayyaa hin jalqabin dura Daani’eel Dabalaa nama jedhamutu barnoota ammayyaa Itoophiyaatti bara 1898 jalqabsiise jedhan ta’uu Lubni Fiqaaduu Beenyaafi Obbo Lammii Mokoniin ibsaniru.

Daani’eel umurii isaa waggaa 10’niin garbummaatti kan gurgurame, achiis Awurooppaa ture. Gareen warra Macaafa Qulqulluu Yeroo jalqabaaf Afaan Oromootti hiikan turan keessaas Daani’eel Dabalaa, Onesmoos Nasib fi Asteer Gannoo, kan biroo waliin ta’u hojjeta kan turan ta’u seenaas ni ibsa.

Daani’eel Dabalaa Gulaalaa Wangeelaa tahuun tajaajilaa kan turan ta’u Luba Fiqaaduun kitaabaa seenaa kanaa keessatti ibsaniru. Namni Jalqabaa Itoophiyaatti Barnootas tahe waldaa bane Daani’eel Dabalaatis Jedhan.

Wallagga Keessatti Barnoonni Akka Babal’atufi Gaggeessitoonni Hedduu Akka Bahaniif Sababa Kan Tae Guca Barnootaa Daani’eel Dabalaa Yeroo jalqabaaf wabsiisaniin ta’us ibsaniru.

Sirna Eebba kitaaba kanaa irratti Prezidaantii waldaan warra wangeela Makaana Iyyeesuus Luba Dr. Yonaas Yiggazuu dabalatee hoggantootaa olaanoofi miseensonni amantichaa hedduu argamaniiru.

Seenaan Kun seenaa bu’a bahii hedduu keessa darbefi dhalootaaf bu’uuraa guddaa ta’e kan ol kaa’un itti fufsisu waan ta’eef caalaatti cimnee hojjechuun nurraa eegama jedhan Prezidaantii waldaa warra wangeela Makaana Iyyesuus luba Dr. Yonaas Yiggazuu.

Barnootaa bu’uuraa waan hundaa ta’e kana lammiileen akka barataniif warreen aarsaa kaffala turan hubanne dhaloonni ammaas ciminaan irratti hojjechuu qabnas jedhan. Daani’el Dabalaa akka horiitti gurguramee warqii ta’e barnoota ammaayyaa fi wangeelaa barsiisuun bu’uuraa kan ta’an ta’us ibsameera.

Dirribaa Yaadataatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply