Mootummaan Ida’amuu Sirna mootummoota biraa irraa kan adda isa taasisu bu’aa fiduu fi adeemsa keessa darbu akka ta’e Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) himan.
Galmi ‘Mootumma Ida’amuu’ yaada Itoophiyaa fi fedhii ishee Itoophiyaanootaaf dabarsanii kennuu jedhu irraa ka’a jedhan.
Itoophiyaan kan garee muraasaa osoo hin ta’in kan hundaa waan taateef badhaadhina ishee gama hundaan mirkaneessuuf Itoophiyaanonni hunduu gahee isaani akka bahan carraa kennuu dha jedhan Minisitirri Muummee.
Badhaadhina mirkaneessuufis ejjennoo qabaachuufi humni ida’ame jiraachuu qaba jedhee Mootummaan Ida’amuu ni amana jedhaniiru.
Karaa biraan immoo walitti dhufeenya madaallii isaa eege uumuun lammilee hunda, sabaaf sablammii, amantii garaa garaa walqixaan kan haammate ta’uu qaba jedhe akka amanu Minsitirri Muummee Abiyyi (Dr.) dubbataniiru.
Tolasaa Mabraateetiin