Manni kitaabaa Abrihooti ganna kana daa’immaniifi ol adeemtota dubbisaan dabarsuu barbaadaniif haala mijaa’aa uumeera.
Dubbisni sammuu dadammaqsuuf, dandeettii yaadachuu fi hubachuu gabbisuuf yaadaa fi bilchina yaadaa qabaachuuf, jireenyi dhala namaa saayinsii fi teeknoloojiin jijjiiruuf isa fuul-duraa raaguuf akka gargaaruu beekamaadha.
Kana dursanii kan hubatan daa’immanii fi maatiin isaanii karaa walitti hidhamiinsaa fi quunnamtii interneetiin addunyaa keessa jiran otuu hin dagatin gabaa dirree beekumsaa keessatti qooda fudhachuuf dhaloota cimsuuf dhiibbaa miidiyaa hawwasummaas cabsuuf Abrihoot keessatti argamaniiru.

AMN Digital mana kitaabaa Abrihootitti argamuun mana kitaabichaatti ganna kana dubbisaan namoota dabarsaniifi daa’immaniin dubbiseera.
Mooniikaa Fiqiree barattuu kutaa 10ffaa kan taate fiilmii fi miidiyaa hawaasaa irraa fagaachuun ganna kana mana kitaabaa Abiriihootitti dabarsaa jiraachuu dubbatteetti.
Manni kitaabichaas dhiyeessii guutuu kan qabuu fi kitaabileen akka jiran kan dubbatte Moonikaan kanaan dura rakkoowwan bu’uuraa fi hanqinni kitaabaa furamuu danda’eera.
Ijoolleen beekumsa isaanii ol guddisuu fi egeree isaanii fooyya’aa gochuuf yaroo boqonnaa isaanii seeraan itti fayyadamuun kan irra jiru ta’uu isaanii guddattuu Moonikaan dabarsiteetti.
Saaroon Geetaachoo gama isheetiin ganna kana dubbisaan dabarsaa jiraachuu ishee kan ibsite Abirihoot qulqullinaan, dhiyeessii kitaabaafi qulqullinaa akkasumas itti fayyadama teeknoloojin fooyya’aa ta’uu miidiyaa dijitaalaa AMN’f ibsiteetti.

Abirihooti fedhiin dubbisaa akka dabaluuf fi ganna kana mana kitaaabaatti akka dabarsinuuf gargaarera jetti Saaroon.
Mana kitaabaa Abirihoot keessatti kan arganne Sintaayyoo Tasfaa (PhD), maatii fi barsiisaa tahuu isaanii ibsuun mana kitaabaa Abirihootiif kitaaba bituun bifa kennaatiin gumaachuu isaanii dubbatanii jiru.
Ijoollee isaanii wajjin gara mana kitaabaa kanaa dhufuun aadaa dubbisaa isaanii gabbisaa akka jiran ibsaniiru.
Doktor Sintaayyoon, maatiin biroos yeroo boqonnaa gannaa kana ijoollee isaanii gara mana kitaabaa Abirihootitti erguun dandeettii dubbisaa isaanii fi beekumsa isaanii akka gabbifatan gorsanii jiru.

Mana kitaabaa Abiriihootitti mucaa isaanii waliin kan arganne obbo Gizaachawu Shifarraawu akka jedhanitti kanaan dura magaalichatti manni kitaabaa tajaajila guutuu kennu akka hinturre yaadachiisaniiru. Ammarra garuu manni kitaabaa Abrihoot yeroo gannaa kana seeraan fayyadamuuf bara barumsaa itti fufu galaa beekumsaa qabachuun carraa mijaa’aa uumeera jechuun dubbstaniiru.
Itti dabaluun obbo Gizaachoon maatiin yeroo gannaa ijoolleen barnoota irraa fagaatanii akka hin turree fi muuxannoon dubbisuu isaanii akka gabbatu, yeroo boqonnaa mana kitaabichaatti akka fayyadaman jajjabeessuu ni danda’u jechuun ergaa dabarsaniiru
Allalliny Azzanatu gabaase