Gareen Biyyaalessa Arjantiina waancaa addunaaf darbuushee mirkaneeffate

You are currently viewing Gareen Biyyaalessa Arjantiina waancaa addunaaf darbuushee mirkaneeffate

AMN PLUS- Bitootessa 17/2017

Gulaallii waancaa addunyaa bara 2026 Biraaziliin 4 fi 1 injifachuun injifateetti.

Taphichi halkan sa’atii 9: 00 Booyines Ayiras staadiyemii Estadioo Muumental irratti Biraazil waliin kan morkate Arjentiinaan darbii guddaa kana 4 fi 1 dhaan injifachuun osoo taphni 4 ishee hafuu waancaa addunyaa 2026 hirmaachuu akka dandeessu mirkaneeffateeti.

Taphicharratti Huuliyaan Alvaarezi, Inzoo Fernaandeezi,Aleeksiis Maak Alistar fi Juuliyaanoo Siimoon galiiwwan mo’ichaa Arjentiinaaf lakoofsisanidha.

Maatiyaas Kuunihaan Biraaziliif galchii tokko lakkofsisus mo’amuu jalaa hin baraarre.

Biyyoon jaha Laatiin Ameerikaa irraa kallatiin waancaa addunyaaf kan darban yoo ta’u gulaalicha Veenzuulaan Peeruun 1 fi 0 ,Kolobiyaan Yuuraagayi waliin qixa 2 fi 2 akkasumas Chiiliin Ikwaador waliin 0 fi 0 qabxii qoodataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply