Ga’umsa Meeshaa Nukilaraa Chaayinaa fi Agarsiisa waraanaa

You are currently viewing Ga’umsa Meeshaa Nukilaraa Chaayinaa fi Agarsiisa waraanaa

‎AMN PLUS – Hagayya 14/2017

‎Chaayinaan gahumsa waraanaa ishee guddisuu bira darbee ijaarsa meeshaa niwukilaraa ishee saffisaan babal’isaa jirti.

‎Bara 2027’tti Taayiwaaniin ofitti dabaluuf qophii duraa taasisuuf akka ta’e pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiin piing ajaja dabarsuu isaanii Rooyitars gabaaseera.

‎Kunis dandeettii Chaayinaan meeshaa niwukilaraa lafa, qilleensaa fi galaana irratti itti fayyadamuu dandeessuu akka guddisu qondaaltonni Ameerikaa akeekaniiru.

‎Chaayinaan imaammata ishee keessatti meeshaa niwukilaraa dursitee kan itti hin fayyadamnee fi tarsiimoon ishee guutummaatti ofirraa ittisuurratti kan xiyyeeffatu yoo ta’uutu himama.

‎Meeshaan waraanaa niwukilaraa ishee yoo balaadhaaf saaxilamee fi Taayiwaaniin waliin wal qabatee birmadummaan ishee balaadhaaf kan saaxilamu yoo ta’e dursitee niwukilaratti fayyadamuu akka dandeessu Ameerikaan gabaasa bara darbe baasteen ibsitee turte.

‎Ministeerri Ittisa Chaayinaa yaadni kun ummata addunyaa dogoggorsuuf kan kaayyeeffateedha jechuun kuffiseera.

‎Chaayinaan waggaa 80ffaa xumura Waraana Addunyaa 2ffaa kabajuuf jirtu sababeeffachuun ji’a dhufu Beejiingitti agarsiisa waraanaa bal’aa akka adeemsiftu beeksifteetti.

‎Agarsiisni kun namoota kuma 10 kan hirmaachisu yoo ta’u, meeshaa waraanaa sadarkaa olaanaa fi dandeettii waraanaa isaa kan agarsiisu ta’uunis ibsameera.

‎Agarsiisni kun xiyyaaronni waraanaa dhibbaan lakkaa’aman, misaa’ela saffisaan furguggifamuu fi meeshaalee waraanaa sadarkaa olaanaa qaban kan of keessaa qabu ta’uu qondaaltonni waraana Chaayinaa ibsa miidiyaaf kennaniin himaniiru.

‎Agarsiisni kun Waraana Addunyaa 2ffaa irratti Jaappaan harka kennachuu ishee kan mul’isuuf yoo ta’u, meeshaaleen waraanaa agarsiifaman hedduun yeroo jalqabaaf ummataaf kan dhiyaatan ta’uun ibsameera.

‎Agarsiisni waraanaa kun daqiiqaa 70 kan dheeratu fuulbaana 3 adeemsifamuuf kan karoorfame yoo ta’uu Agarsiisa torban lama booda Fulbaanaa keessa dhiyaatu kana irratti pireezidaant Shii Jiin piingii fi pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin dabalatee hooggantoonni biyyoota biroo ni hirmaatu jedhamee eegama.

‎Chaayinaan kanaan dura hooggantoota Jaappaan dabalatee biyyoota ollaa hedduu irraa bara 2015 agarsiisa waraanaa irratti kan affeertee turte ta’us hanga’ootni biyyoota biroo affeerraa kana irratti akkan argamne ni yaadatama jechuun Rooyitars gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply