Gibira kaffaltan amanamummaan misoomaaf oolchinee magaalaa keenya jijjiiraa jirra- Kantiibaa Adaanech

You are currently viewing Gibira kaffaltan amanamummaan misoomaaf oolchinee magaalaa keenya jijjiiraa jirra- Kantiibaa Adaanech

‎AMN PLUS- Onkoloolessa 6/2018

Gibira lammiileerraa walitti qabamu amanamummaan misoomaaf oolchinee magaalaa keenya jijjiiruun hiyyumaas xiqqeessaa jirra jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech abeebee.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee mata duree “Gibira Kabaja Biyyaaf” jedhuun kaffaltoota gibiraa amanamoo 390 oliif beekamtii kennuun galateeffateera.

Galiin Magaalaa Finfinnee yeroo gara yerootti dabalaa jiraachuu himan Kantiibaa Adaanech. Bara 2010 galiin magaalaa Finfinnee birria biiliyoona 33 ture bara 2017 birrii biiliyoona 233 gahuu Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.

Galii argamu keessaa %70 ol dameelee hiyyummaa xiqqeessan irra akka oolfamu kan himan Kantiibaa Adaanech, fayyadamummaa haqa qabeessa mirkaneessuufis gibira keessan irraa daa’imman miiliyoona tokko sooraa jirra, bu’uura misoomaa haqa qabeessummaan diriirsaa jirra jedhaniiru.

Finfinnee kan misoomsinu galii lammiileetiini kan jedhan Aadde Adaanech hirmaannaa misoomaa keessatti taasisaa jiraniifis Kaffaltoota gibiraa amanamoo kanneen galateeffataniiru.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply