Hawwii Alamuu, shamarree Naannoo Oromiyaa, Godina Bunnoo Beddellee, Aanaa Cooraa keessa jiraattudha.
Daa’imummaa isheetti wanti xannachi dhiitoo fakkaatu, bobaa ishee mirgaa jalatti ba’e guddataa adeeme. Dhaabbilee fayyaa naannawa isheetti argamanitti wal’aanamuuf yaaltus jijjiirama hin agarsiifne.
ALI’tti Bara 2007 hospitaala Bunnoo Beddelleetti wal’aansa baqaqsanii yaaluutiin xannachi kun haa baafamuuf malee waggaa lama booda hammi isaa dabalee dugda ishee irratti ammas ba’e.
Ogeessotni fayyaa irra deddeebiin xannacha kana wal’aansaa dhabamsiisanuufillee, itti caalee hamma miila isheetti gahe.
Dhiitoon daa’immummaa ishee waggaa Sadiitti ishee eegale, hamma umuriin ishee 15 ta’utti wajjin jiraate.
Bakka garaa garaatti yaalamtee, hin danda’amne. Kanaaf, wal’aansa fooyya’aaf gara Hospitaala Yakkaatiit 12’tti ergamte.
Ogeessa Baqaqsanii Yaaluu Doktor Geetaaw Alaamnee fi waahillan isaanii wal’aansa baqaqsanii yaaluu kaleessa jechuunis Hagayya 13, bara 2017 taasisaniin xannacha kana akka dhabamsiisuu danda’aniiru.
Wal’aansi kun sa’aatii 4 kan fudhate yoo ta’u, shamarreen kunis gidiraafi dhukkubbii waggoota 13’f baattee turte irraa obbaafachuu dandeesseetti.
Xannachi kun gosa garaa garaa sadii kan qabu yoo tahu, maatiin mallattoowwan addaa xannacha ykn dhiitoo fakkaatan qaama ijoollee isaanii irratti yoo argan gara Dhaabbata fayyaatti akka geessan dhaamaniiru.