Guddina waliigalaa Itoophiyaatti galmaa’eef gaheen hawaasa daldalaa olaanaa ta’uu Ministirri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Kaasahun Goofee (Dr.) himan

You are currently viewing Guddina waliigalaa Itoophiyaatti galmaa’eef gaheen hawaasa daldalaa olaanaa ta’uu Ministirri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Kaasahun Goofee (Dr.) himan

AMN PLUS- Caamsaa 27/2017

Guddina waliigalaa Itoophiyaatti galmaa’eef gaheen hawaasa daldalaa olaanaa akka ta’e Ministirrii Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naanaawaa Kaasahun Goofee (Dr.) ibsan.

Ministirrii Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naanaawaa mata duree “Badhaadhina Hundagaleessaaf Qooda Hawaasa Daldalaa” jedhuun hawaasa daldalaa waliin mari’ateera.

Ministira Galiiwwanii Ayinaalam Nuguseefi Ministira Indaastirii Obbo Malaakuu Allebel dabalatee hoggantoonni olaanoo mootummaa, miseensonni hawaasa daldalaafi kafaltoonni gibiraa federaalaa olaanoon saganticharratti argamaniiru.

Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Kaasahun Goofee (Dr.) wayita kana akka ibsanitti, mootummaan badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf misooma dinagdee damee hedduu hojeessuun milkaa’ina galmeessisaa jira.

Guddina hunda galeessa Itoophiyaatti galmaa’eef hawaasni daldalaa qooda olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Tumsi mootummaa fi damee dhuunfaa biyya cimtuu dinagdeen gabbatte ijaaruuf murteessaa ta’uu himuun, hariiroo kana bu’ura cimaarra kaa’amu qaba, mariin akkasii barbaachisaadha jedhaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa Miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa taasisuun dandeettii hawaasni daldalaa addunyaarratti dorgomuu danda’u guddisuuf halkaniif guyyaa hojjetamaa jiraachuu ibsuu isaanii TOI’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply