Guyyaan Cichoominaa sadarkaa Magaalaa Finfinneetti marii paanaaliitiin kabajamaa jira

You are currently viewing Guyyaan Cichoominaa sadarkaa Magaalaa Finfinneetti marii paanaaliitiin kabajamaa jira

‎AMN PLUS- Qaammee 1/2017

‎Guyyaan Cichoominaa mataduree ‘Bu’ura Cimaa, Biyya Jabduu’ jedhuun kabajamaa jira.

Sadarkaa Magaalaa Finfinneettis guyyichi bakka hoggantootni olaanoo magaalattiifi qaamonni nageenyaafi tasgabbii argamanitti marii paanaaliitiin kabajamaa jira.

‎Maricha kan saaqan Hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaan Itoophiyaanonni baroota keessatti cichoominaan wareegamaa, biyya guddoo kana nuuf dabarsaniiru jedhan.

‎Bu’aa cichoominaa kan ta’e Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa agarsiistuu waldhageettii Itoophiyaanotaatis jedhanii, dameelee kaaniinis milkaa’ina walfakkaatu galmeessuuf cichinee hojjechuu qabnaa dhaamaniiru.

‎Bulchaa Nagaraatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply