AMN PLUS- Mudde 30/2017
Misoomni Koridarii Finfinnee miidhagina magaalaan dabalata yaa’iinsa tiraafiikaa mijeessuun balaa tiraafikaas hir’iseera jedhan Inispeektar Asaffaa Mazgabuu.
Inispeektar Asaffaa Mazgabuun waggoota dheeraaf xiinxalaa odeeffannoo dhimmoota tiraafikaa tahuun magaalattii tajaajilaa turan.
Inispeektar Asaffaan turtii AMN PLUS waliin taasisaniin waa’ee Finfinnee kaleessas har’as nan beekaa kaasuun keessattuu magaalattiin lakkoofsa konkolaataa xiqqaa qabaattus balaan tiraafikaa keessummeessaa turte garuu sanaa ol turuu himan.
Kaleessa magaalattiin daandii mijataa dhabuun giddugaleessaan konkolaataa kuma 10niin lubbuun namoota 183 balaaf saaxilamaa tures jedhan.
Amma garuu misoomni koridarii erga dhufee konkolaataa kuma 10niin namoota 12tu miidhaaf saaxilama jedhan.
Yaa’iinsa tiraafiikaa mijeessuun, lafoof haala mijataa uumuun, akkasumas mallattoolee tiraafiikaa gahaa daandiirra dhaabuun balaa tiraafikaas qabatamaan hir’iseera jedhan turtii addatti AMN PLUS Sagalee Dhalootaa waliin taasisaniin.
All reactions:
5656