AMN Plus- Onkoloolessa 19/2018
Biiroon Dubartootaa, Daa’immaniifi Hawaasummaa Magaalaa Finfinnee Guyyaa Maanguddootaa Giddugala Soorataa Tasfaa Biraan 26ffaatti kabajaa jira.
Guyyichi sadarkaa idil-addunyaatti yeroo 35ffaafi akka Itoophiyaatti yeroo 34ffaaf mataduree “Nageenyaafi Mirga Maanguddootaa Eeguuf Ittigaafatama Keenya Haa Bahannu” jedhuun kabajamaa jira.
Kabaja guyyichaarratti maanguddoonnifi hoggantootni sadarkaa garagaraa magaalattii argamaniiru.
Bulchaa Nagaraatu gabaase