Guyyoota kudhan dhufan bakkeewwan Arfaasaa qotan rooba xiqqaa hanga guddaatti ni’argatu

You are currently viewing Guyyoota kudhan dhufan bakkeewwan Arfaasaa qotan rooba xiqqaa hanga guddaatti ni’argatu

AMN – Bitootessa 12/2017

Guyyoota kudhan dhufan Sululoonni Arfaasaan misooman rooba xiqqaa hanga guddaatti ni’argatu jedhe Inistiitiyuutiin Miitiiworoolooji Itoophiyaa.

Haalli kun dhangala’uu bishaan lafa keessaa waan dabaluuf baay’ina bishaanii kuusaawwan garagaraa keessa galu akka dabalu akka taasisu ibseera.

Gama biraan bakkeewwan lolaaf saaxilamoo ta’an irratti lolaa battalaa uumuu akka danda’u inistiitiyuutichi hubachiiseera.

Bakkeewwan lolaaf saaxilamanirratti bo’oo lolaan keessa darbu qulqulleessuun rakkoo uumamuu danda’u ittisuuf gamanumaa hojiin qophii dursaa hojjetamuu akka qabu odeeffannoon inistiitiyuutichi fuula marsa hawaasaa isaarratti baase nimul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply