Guyyootii 100 keessatti sharafni alaa doolaara biiliyoona 8.29 argameera- Fitsum Asaffaa (Dr)

You are currently viewing Guyyootii 100 keessatti sharafni alaa doolaara biiliyoona 8.29 argameera- Fitsum Asaffaa (Dr)

AMN Plus- Onkoloolessa 14/2018

Guyyootii 100 darban keessatti sharafni alaa doolaara biiliyoona 8.29 a akka argame Ministirri Pilaaniifi Misoomaa Fitsum Asaffaa (Dr) ibsan.

Dooktar Fitsum qorannaa raawwii diinagdee gooroo guyyootii 100 taasifame irratti akka himanitti sharafa alaa argame kana keessaa daldalli alaa dhibbantaa 57.6 haguuga.

Alergii guddachuu, damee manufaachariingii, industiriifi turizimiin dadammaqina guddaa agarsiisuu eeran.

Baankonni baatiiwwan sadan darban walii waliisaaniin doolaara miiliyoona 19.2 daldaluufi Baankiin Biyyaalessaa ammoo doolaara miiliyoona 150 caalbaasiin dabarsuu himan.

Gabaa sharafa alaa tasgabbeessuufi adeemsasaa iftoominaan dursuuf fooyyeffama seeraallee taasisuu ibsaniiru.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply