Haala yeroo ilaalchisuun odeeffannoo Poolisii Federaalaa Itoophiyaarraa kenname

You are currently viewing Haala yeroo ilaalchisuun odeeffannoo Poolisii Federaalaa Itoophiyaarraa kenname

Tibbana gaaffii mirgaa ogeeyyiiwwan fayyaa kaasan dawoo godhachuun humnoota biyyattii keessatti hokkora uumuuf hojjetan waliin qindaa’uun karaa seeraan alaan hojii dhaabuun, damee fayyaarratti jeequmsa uumuufi lubbuu lamiillee balaarra buusuun ogeeyyiiwwan fayyaa shakkaman 47 Poolisiin Federaalaa to’atee qorannoo taasisuu eegaleera.

Ogeeyyiiwwan fayyaa kunneen gaaffii mindaafi faayidaa ogeeyyiiwwan fayyaa kaasan dawoo godhachuun karaa seeraan alaa warreen hojii dhaaban, ogeeyyiiwwan fayyaa kaanis akka hojii dhaaban warreen kakaasan, lubbuu yaalamtootaa balaarra buusan, hokkoraafi jeequmsa uumuun warreen shakkamaniidha.

Shakkamtoonni kunneen dhaabbile fayyaa garaa garaa keessatti caasaa isaanii diriirsuun, warreen ogeeyyii fayyaa hin ta’in gaawonii adii uffachiisuun mooraa hospitaalaa keessa galanii hokkorri akka uumamu gochuun, oduu sobaa afarsuu fi tooftaa garagaraan adeemsa kenna tajaajila fayyaa gufachiisaniiru. lubbuun lammiilee tajaajila waldhaansaa barbaadan balaarra akka bu’u godhaniiru, dhaabbilee mootummaa tajaajillii fayyaa fi barnootaa kennamu keessatti adeemsi baruufi barsiisuu akka gufatu godhaniiru.

Shakkamtoonni kunneen miiltoowwan isaanii waliin hojjetaniifi ogummaasaanii kabajanii hojiisaaniirratti argaman doorsisuun hokkorri akka uumamu yaalii taasisuusaanii Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa beeksiseera.

Ogeeyyiin fayyaa naamuusni hojiifi seerri karaa hin eeyyamneen lubbuu lammiilee du’aafi balaaf saaxiluun, hojii lagachuun, kaanis hojii akka lagatan kakaasuun, dorrsisuun gocha yakkaa ta’uu Poolisiin Federaalaa ni beeksisa, kaanis gocha akkasiirraa akka of qusatan akeekkachiisa.

Carraa kanaan ogeeyyiiwwan fayyaa uummataafi seera kabajuun tajaajila kennaa jiraniif eegumsa gahaa akka godhu Poolisiin mirkaneessaa, kanaan ala hokkoraafi jeequmsa babal’isuuf qaamolee socho’an irratti tarkaanfii seeraa fudhataa jiru cimsee kan itti fufu ta’uu Poolisiin Federaalaa ni beeksisa.

Poolisiii Federaalaa Itoophiyaa

Caamsaa 15/2017

Finfinnee

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply